Giddugalli Arteefishaal Intalajansii eebbifame

Finfinnee, Fulbaana 10, 2013 (FBC ) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad giddugala Arteefishaal Intalajansii har’a eebbisiisaniiru.
 
Giddugalli kun yaada Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy maddisiisan kan ijaarrame ta’uu ibsameera.
 
Arteefishaal Intalajansiin dameewwan garaagaraa ammayyeessuf shoora olaanaa qaba jedhameera.
 
Keessattuu damee qonnaan oomishaa fi oomistummaa guddisuuf giddugalichi gumaacha olaanaa qaba jedhame.
 
Damee fayyaaf, geejjibaaf, Saayinsii fi Teeknooloojiif , akkasumsa kanneen biroof gumachaa guddaa qaba jedhamee eeggama.
 
Arteefishaal Intalajansiin hojiilee humna namaan raawwataman maashinaan deeggaramuun maallaqa, yeroo fi qisaasa’ina humnaa sadarkaa olaanaan ni hir’isa jedhame.
Giddugalli kun banamuun isaa diinagdee diijitaala biyyattiitti eegalaman caalmaatti kan cimsu ta’uu himameera.
 
Sirna eebbicharratti agarsiifni damicha ilaallatu Dooktar Abiyyiin ni daawwatamaniiru.
 
Misikir Sinaafiqtu gabaase
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment