Giddugalli Aadaa Oromoo Amaataroota leenjisaa ture marsaa 7ffaa eebbisiise

Finfinnee, Sadaasa 8, 2015(FBC)- Giddugalli Aadaa Oromoo Amaataroota ogummaa garaagaraan leenjisaa ture marsaa 7ffaa eebbisiise.

Giddugallichi, Amaataroota 100 ogummaa aartii garagaraatiin baatii sadiif leenjisaa ture eebbisiiseera.

Amaataroonni har’a eebbifaman kunneen, ogummaawwan Aartii Tiyaatira, Fiilmii, Shubbisa, Muuziqaa, Fakkii fi kanneen biroon kan leenji’an ta’uun ibsameera.

Eebbifamtoonnis ogummaa argataniin hawaasa isaanii kan tajaajilan ta’uu dubbataniiru.

Kaffaaloo Shifarraatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment