Giddugalichi weerara ABUT kan balaaleffatu ta’uu ibse

Finfinnee, Hagayya 27, 2014(FBC)-  Giddugalli Dhimmoota Hawaasummaa Israa’el weerara gareen shororkeessaa ABUT irra deebiin eegale kan balaaleffatu ta’uu Hogganaan dhimmoota siyaasaa giddugalichaa Daan Diikar dubbatan.

Israa’elitti Ambaasaadarri Ityoophiyaa Rattaa Alamuun Hogganaan dhimmoota siyaasaa giddugalichaa Daan Diikar waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Rattaan tarkaanfiiwwan mootummaan marii biyyaalessaafi nageenya waaraa fiduuf fudhaterratti ibsa taasisaniiru.

Walitti bu’iinsi kaaba biyyattiitti uumame karaa nageenyaan furmaata akka argataniif mootummaan filannoowwan garaagaraa dhiyeessuu ibsaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT filannoowwan nageenyaa mootummaan dhiyeesseef cinaatti dhiisuun marsaa 3ffaaf waraana banuun lammiilee nagaarratti haleellaa raawwachaa jiraachuu eeraniiru.

Giddugalli Dhimmoota Hawaasummaa Israa’el, dhaabbileen hawaasaa idil addunyaa tattaaffii mootummaa akka deeggaraniifi gochaa garichaa akka balaaleffatan gaafataniiru.

Daan Diikar gamasaaniin, haalli Ityoophiyaa keessa jiru akka fooyya’uuf xiyyeeffannoo mootummaan nageenya biyyaalessaa fiduuf taasise kan dinqisiifatan ta’uu ibsaniiru.

ABUT irra deebiin waraana banuun miidhaan qaqqabsiisaa jiru kan balaaleffatamu ta’uu eeruu ragaan Israa’elitti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment