Finfinnee, Waxabajjii 21, 2014 (FBC) – Giddugalli Qorannoo Qonnaa Bishooftuu sanyiilee xaafii fooyya’oo 58 qonnaan bultootaan ga’uun oomishaa fi omishtummaa dachaan akka dabaluuf gumaachuun eerame.
Qindeessan Sagantaa Qo’annoo Xaafii Biyyaalessaa Qorannoo Qonnaa Bishooftuu Obbo Warquu Abbabaa, hanga ammaatti sanyii xaafii fooyya’oo, qonnaan bultootaan ga’uu ibsaniiru.
Bu’aaleen qorannoo giddugalichaan ba’an naannawaalee roobaa gahaa argatan, roobaa gaha hinaragannee fi baddaaf kan mijatan dhiyaachuu eeraniiru.
Naannawaa hanqinni roobaa hinjirreef kan mijataan akaakuuwwan xaafii sanyii fooyya’oo 38 qonnaan bultootaanis ga’un akka danda’ame eeraniiru.
Waggoottan darban hojiileen qo’annoo xaafii gaggeeffaman oomishtummaa xaafii dabaluu ibsanii, kanaanis qonnaan bultoonni hektaara tokko irraa xaafii kuntaala saddeet argachaa kan turan, kuntaala 18-20tti fooyya’uu himaniiru.
Sanyii fooyya’oo xaafii baay’isun qonnan bultootaan ga’uu keessatti, dhaabilee mootummaa fi miti mootummaas hektaara tokkorraa kuntaalaa 25-30 argachaa jiraachuus himaniiru.
Maddi:-TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.