Giddugalichi bara kana Sanyii Qamadii fooyya’aa kuntaala kuma 3 Qonnaan bultootaaf dhiyeessuuf hojjachaa jiraachuu beeksise

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2017 (FBC) –Giddu Galli Qorannoo Qonnaa Qulumsaa bara kana Sanyii Qamadii fooyya’aa kuntaala kuma 3 Qonnaan bultootaaf dhiyeessuuf hojjachaa jiraachuu beeksise.

Jilli Daaryektera Itti Aanaa giddu gala Qorannoo Qonna Itiyoophiyaa Dooktar Dirribaa Galateen durfamu hojiiwwan qorannoo giddu gala qonna Qulumsaa daawwateera.

Giddu Galli Qorannoo Qonnaa Qulumsaa bara kanas qamadii sanyii fooyya’aa kuntaala kuma 3 Qonnaan bulaa naannichaatiif raabsuuf hojjetamaa jiraachuu Daaryekterri giddugalichaa Obbo Dabalee Dabalaan dubbataniiru.

Giddugalichi hojii qorannaa qonnaatiin fakkeenyummaa gaarii hojjechaa jiraachuu Itti Aanaan Daaryektera Giddu gala qorannoo Qonnaa Itiyoophiyaa Dooktar Dirribaa Galateen dubbataniiru.

Abdallaa Amaantu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment