Giddugalichi Amaataroota 250 eebbisiise

Finfinnee, Hagayya 30, 2016(FBC)- Giddugalli Aadaa Oromoo Amaataroota dameelee aartii garaagaraatiin leenjisaa ture 250 marsaa 10ffaaf eebbisise.

Eebbifamtoonni kunneen dameelee aartii tiyaatiraa fi fiilmii, fakkii, shubbisa, muuziqaa, moodeeliingii fi kanneen birootiin leenji’aa turuunibsameera.

SIrna eebbichaarratt Itti Aanaan Itti Gaafatamaan Waajjira Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Faajjii Caalaa, Hooggantuun Biiroo Aadaafi Turiizimii Oroomiyaa Aadde Jamiilaa Simbirruu Daayireektara Olaantuu Giddugala Aadaa Oromoo Aadde Makkiyyaa Jamaal fi qondaaltonni biroon argamaniiru.

Jaalallii Haayiluutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment