Giddugalawwan Cehumsa Baadiyyaa Indaastirii Qonnaa

Galmoota ijoo mootummaan jijjiiramaa milkeessuuf socho’aa jiru keessaa tokko ummata dinagdeen yabbate ijaarudha. Galma kana fiixaan baassuuf gama tokkoon toora xiyyeeffannoo kan adda foo’e yoota’u, gama biraatiin toora kanniin irratti inisheetivoota adda addaa bocuun baay’ina, ariitiifi qulqullinaan hojiitti hiikaa jira. Taateewwan jalqabbii kana utuban keessaa tokko hundeeffama “Giddugalawwan Cehumsa Baadiyyaa Indaastirii Qonnaa” (Rural Transformation Agro-Industrial Centers) yoota’u, innis, omishaalee qonnaafi indaastirii maanufaakchariingii gidduutti hidhamiinsa gabaa/galtee umuu kan kaayyeffateedha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, Giddugala Cehumsa Baadiyyaa adda durummaan Indaastirii Qonnaa irratti xiyyeeffatan kanneen magaaloota Maqii, Dodolaa, Baalee Roobee, Itayyaa, Olanciitiifi Shaashamanneetti kan hundeesse yoota’u tokkon tokkoon isaanii lafa hekt. 10 irratti kan mandheeffataniifi Paarkii Indaatirii Qindaa’aa Qonnaa Bulbulaa (Bulbula Integrated Agro-Industrial Park) irraa raadiyesii kilomeetira 50 hanga 250 keessatti kan argamaniidha. Giddugalawwan kunneen, paarkicha waliin hidhata gara duraafi boodaa (backward and forward linkage) cimaa taasisuuf haalli isaan dandeessisu mijateera. Bu’uuruma kanaan, wiirtuu hojii omishaalee qonnaa sassaabuu, qubsiisuu, kuusuufi qabbaneessuu, adda foo’uu, tursiisuu, sadarkeessuu, kurfeessuu (processing) fi kkf keesatti raawwatamu akkasumas hidhamiinsi gabaa/galtee Paarkii Indaatirii Qindaa’aa Qonnaa Bulbulaa waliin keessatti umamu ta’uun kan tajaajilaniidha.

Dabalataanis, wiirtuu tajaajila hordoffiifi leenjii, kalaqa qonnaafi hawaasni mala qonnaa fooyyessuufi argannoo haaraa jajjabeessuuf ijaarame keessatti mandheeffateedha. Wiirtuu tamsaasa odeeffannoo ta’uun, aadaa ittifufiinsan barachuufi madaqsuu nijajjabeessu; ulaagaalee indaastirii qonnaa saffisaan guddachaa jiru guutuuf akka gidduugalaatti nitajaajilu. Kanamalees, dorgomummaan humna namaa baadiyyaa jiruu, gitoota hojii indaastirii qonnaa keessatti barbaadamaniin akka walsimu, leenjii dagaagina ogummaatii dursaa kennuun, oomishtummaa, bu’aa qabeessummaafi cehumsa qonnaan bultoota keenyaa akkasumas, sektara qonnaa haalaan kan dadammaqsan ta’a.

Giddugalawwan Cehumsa Baadiyyaa Indaastirii Qonnaa kunneen, tajaajiloota armaan olitti tarreeffaman kunneen laatudhaan, walitti hidhamiinsa damee qonnaafi indaastirii maanufaakchariingii nidhugoomsu; hawaasa keenya baadiyyaas fayyadamaa misoomaa nitaasisu.

Dhumarratti, hoggansiifi qoodafudhattoonni hundi, gama tokkoon ulaagaalee indaastirii qonnaa saffisaan guddachaa jiru guutuun akka danda’amu dagaagina ogummaafi leenjiitiif dursa olaanaa kennuu, gama biraatiin abbootii qabeenyaa, hundaa’ol ammoo qonnaan bulaa keenya gara carraawwan invastimantii naannawa kana jiranitti fiduun, mootora cehumsa dinagdee naannoofi biyya keenyaa taasisuu irratti ittigaafatamummaa keessaan aantummaafi amanamummaa olaanaan akka bahattan yaadachiisuun barbaada.

Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa

Comments (0)
Add Comment