Giddugalaa fi Lixa Afrikaatti balaa lolaan lammiileen kumni 700 ol rakkoof saaxilamuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 8, 2016 (FBC) – Giddugalaa fi Lixa Afrikaatti balaa lolaa mudachaa jiruun lammiileen kumni 700 ol rakkoof saaxilamuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Waajjirri Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa beeksiise.

Baatiwwan lamaan darban keessa qofa Rooba cimaa Roobaa jiru hordofee lammiileen kumni 700 ol rakkoof saaxilamuu Dhaabbatichatti dubbii himaan Itti Aanaa Barreessaa Olaanaa Farhaan Haak ibsa kennaniin himaniiru.

Chaad, Kootdivaayeer, Rippaablika Diimookiraatawaa Koongoo, Laayibeeriyaa, Niijeer, Naayijeeriyaa, Maalii fi Toogootti balaan kun bal’inaan mudachuu ‘The African News’ gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment