Finfinnee, Sadaasa 6, 2017 (FBC)- Giddugala Wal’aansaa Yuunivarsiitii Jimmaa kutaan tajaajila baqaqsanii wal’anuu lafee fi buusaalee tajaajila eegale.
Kutichi tajaajila eegaluun lammiilee Itiyoophiyaa dhibee lafeen rakkataniif boqonnaa kan kennu ta’uun ibsameera.
Hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Pirofeesar Natsaannat Warqinaan akka jedhanitti bu’uuraalee misoomaa fayyaa wal’aansa dhibee lafee fi buusaalee dhaabbilee fayyaatti guutuun tajaajilaa fayyaaf gumaacha olaanaa qabaata.
Hoji Gaggeessaan Giddugalaa Wal’aansa Fayyaa Yuunivarsiitichaa Pirofeesar Ahimad Zeenuddiin, hospitaalichatti tajaajilli wal’aansaa kun lammiilee hedduu fayyadamtota akka taasisu kaasan.
Giddugalichi meeshaalee wal’aansaa ammayyaa’oon kan guutamee ta’uu Pireezidaantiin Yuunivarsitii Jimmaa Dooktar Jamaal Abbaa Fiixaa himanii, Faawundeeshinii Siwiizarlaandi “Go Star” waggoottan 27’n darban deeggarsa taasisaa tureef galateeffataniiru.
Faawundeeshinii Siwiizarlaandi “Go Star” waliin ta’uun baasii Birrii miiliyoona 20’n tajajaajilichi eegalchiifamuun ibsameera.
Warqaafarraa Yaalawutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia