Giddugala wal’aansa kaansarii dhukkubsattoota miiliyoona 1 ol fayyise

Finfinnee, Hagayya 29, 2015 (FBC) – Dhaabbanni Tola Ooltummaa Ingiliz ‘Gooldan Iirraa’ jedhamu dhukkubsattoota dhibee Kaansarii miiliyoona 1 ol fayyisuu eerameera.

Dhaabbanni Qorannoo fi xinxaala Kaansarii biyyattii akka gabaaseerratti, giddu galichi waggoottaan 40 darbanitti dhibamtoota dhibee Kaansarii miiliyoona 1.2 du’a oolchuu ibseera.

Waggoottan 40 darban tattaaffii dhaabbatichi dhibee Kaansarii ittisuuf taasiiseen Ingilizitti lakkoofsi lammiilee dhibichaan du’an hir’achuu Hojii Gaggeessaa Olaanaan giddu galichaa Miisteer Miishel ibsaniiru.

Ammallee biyyattiitti dhibichi yaaddoo ta’uu kaasaniiru.

Dhibeen Kaansarii dhibee yaalaan fayyuun danda’amu ta’uu isaan deeggarsi mootummaa fi murannoo namootaa jiraannaan dhibicharraa fayyuun kan danda’amu ta’uu kaasaniiru.

Akka ragaan mul’isutti yeroo ammaa addunyarratti waggaa waggaan namoonni miiliyoona 10 ol ta’an dhibee Kaansariin lubbuun isaanii ni darba.

Ameerikaa fi Kaanaada keessatti dhukkubsattoonni dhibee Kaansarii hedduminaan kan argaman ta’uu ‘The Guardian’ gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment