Giddugala Itiyoophiyaatti hojiin ajandaa walitti qabuu eegalame

Finfinnee, Hagayya 28, 2016 (FBC)- Naannoo Giddugala Itiyoophiyaatti hojiin ajandaa walitti qabuu eegalamuu Komishiniin Marii Biyyaalessaa beeksise.

Waliin marii aadeeffachuun, waldhabdeewwan madda garaagarummaa ta’an, waraanaa fi walitti bu’iinsa furuun filmaata tokkicha ta’uu Komishinarri Komishinichaa Dooktar Yoonaas Adaayyee ibsaniiru.

Waltajjii guyyoota sadiif turu kanarratti paartilee siyaasaa, qaamolee raawwachiistuu mootummaa fi qooda fudhattoonni biroon kuma 1 fi 500 ta’an hirmaachaa jiraachuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment