Giddugala gabaa Jigjigaarraa balaa ibiddaa ga’een qabeenyi Birrii biiliyoona 1.5 olii mancaa’uun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 19, 2015 (FBC)- Giddugala Gabaa Jigjigaarraa balaa ibiddaa ga’een qabeenyi Birrii biiliyoona 1.5 ol mancaa’uu Koreen Deeggarsaa fi Qabeenya Manca’e Addaa Baasu beeksise.

Magaalaa Jigjigaa bakka ‘Taayiwaan’ jedhamee beekamutti Waxabajjii 30, 2015 galgalaa keessaa sa’aatii 5:00 irratti, balaa ibiddaa mudateen qabeenyaa fi manneen daldalaarra mancaatiin qaqqabuun kan yaadatamuudha.

Haaluma kanaan qabeenyi Birrii biiliyoona 1.5’tti tilmaamamu manca’uu sakatta’aa qabeenya manca’e adda baasuu gaggeeffameen beekamuu Miseensi Koree Deeggarsaa fi Qabeenya Manca’e Addaa Baasu Sheek Abdulqaadiir Huseen ibsaniiru.

Gama biraatiin, korichi abbootii qabeenyaa hawaasa daldalaa akkasumas baankonni garaagaraa deeggarsa taasisuuf waadaa galuu ibsaniiru.

Hanga ammaattis deeggarsi Birrii miiliyoona 102 taasiifamuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment