Giddu seentummaa alaa mormuuf Sanbata dhufu Finfinneetti hiriirri ni gaggeeffama

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2015 (FBC)– “Ityoophiyaaf nan dhaabbadha; sagalee koo nan dhageessisa”mata duree jedhuun giddu seentummaa seeraan alaa biyyoota Lixaa mormuuf hiriirri ummataa Sanbata iftaanii Finfinneetti gaggeeffamuufi.

Hiriirichis waldaaleen ogummaa, waldaaleen siiviilii fi paartileen siyaasaa waloon kan qopheessan ta’uun himameera.

Kaayyoon hiriirichaas haala Ityoophiyaan keessa jirtu hawaasaa addunyaaf beeksisuuf, birmadummaa fi tokkummaan biyyattii akka kabajamuuf damee hundaan mootummaa cinaa dhaabbachuu mirkaneessuuf ta’uu qopheessitoonni hiriirichaa ibsaniiru.

Hiriirichaan biyyoonni Lixaa ejjennoo dogoggoraa garee shororkeessaa ABUT irratti qabaataanii fi dhiibbaa Ityoophyaarratti taasisa jiran mormuuf ta’uun ibsameera.

Akkasumaas Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsaa fi gaachanummaa ummataa argisiisuuf hiriira gaggeeffamuudha jedhameera.

Hiriirichis Sanbata dhufu Onkololeessa 12, 2015 ganama sa’aatii 12 eegalee akka gaggeeffamu ibsameera.

Jiraattoonni Magaalaa Finfinnees daammaqinaan hiriiricharratti hirmaachuun dhiibbaa biyyoonni Lixaa taasisaa jiran akka mormuun hawaasa addunyaatti sagalee isaanii akka dhageessisan waamichi dhiyaateera.

Hiriirichis guutuu biyyattiitti akka gaggeeffamu ibsameera.

Mintasinoot Mulugeetaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment