Giddu galli seenaa, hambaalee fi barnootaa ummata gurraachaa Finfinneetti baname

Finfinnee, Sadaasa 28, 2016 (FBC) – Giddu galli seenaa, hambaalee fi barnoota ummata gurraachaa Finfinneetti banameera.

Sirni baniinsa giddu galichaa Bakka Itti Aanaan Ministira Muummee fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin dabalatee Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa, Dippiloomaatoonni, bakka buutoonni dhaabbilee hawaasa siiviilii fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamanitti Galma Walga’ii Gamtaa Afrikaatti gaggeeffameera.

Giddu galli Seenaa, Hambaalee fi barnoota ummata gurraachaa teessoo isaa Ingiliz taasiisuun namoota dhimmoota seenaa, Seeraa, Aadaa fi ogummaa biroon muxannoo ummata gurraachaa gahaa qabaniin kan hundaa’e yoo ta’uu, giddu galicha dhugoomsuuf yeroo dheeraa itti fudhateera.

Jilli Miseensota hundeessitoota giddu galichaa of keessatti hammate tibba darbe Finfinnee galuun kan yaadatamuudha.

Haaluma kanaan giddu galichi har’a Waajjira Muummee isaa Magaalaa Finfinneetti ifatti baneera.

Waajjira Muummee isaa Finfinnee taasiisuun qaamolee qabsoo bilisummaa fi eegumsa hambaalee ummata gurraachaaf gumaacha olaanaa taasiisaniif beekkamtii kan kennuu ta’uu eerameera.

Giddu galli kun Finfinneetti banamuun hariiroo Dippiloomaasii, Diinagdee fi dhimmoota hawaasummaa Itiyoophiyaaf faayidaa olaanaa qabaate jedhame.

Dhaloonni ammaa kabajaa fi birmadummaa biyyaa fi ummata gurraachaa kabachiisuuf dhaabbilee Afrikaaf tumsa taasiisuu akka qaban Obbo Dammaqaan haasawa saganticharratti taasiisaniin waamciha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment