Giddu Galli Aadaa Oromoo Akkaadaamii Afaan Oromoo hundeessuuf qophii xumuruu beeksiise

Finfinnee, Amajjii 21, 2013 (FBC) – Giddu Galli Aadaa Oromoo Akkaadaamii Afaan Oromoo hundeessuuf qophii xumuruu beeksiise.
Daareekteerri Olaanaa Giddu Gala Aadaa Oromoo, obbo Dirribaa Tarrafaa akka ibsanitti Akkaadaamii Afaan Oromoo hundeessuuf waltajjii marii ogeeyyoota hirmaaraachisu ji’oota jahan dhufu kessatti kan qophaa’uu tahuufi muuxannoo naannoleerraa fudhachuun yaada ka’umsaa tokko qopheessuun mariif ni dhiyaata jedhan.
Giduu Galli Aadaa Oromoo gama qorannoo Afaan Oromootiin Afoolaa fi Ogbarruu, Galmee Jechootaa,Caaslugaa,moggaasa jechootaafi waaltina Afaan Oromoo irratti ji’oota 6n itti aanaan baldhinaan karoorfatee kan hojjeetu tahuu obbo Dirrribaan dubbataniiru.
Kora Afaan Oromoo tokko qopheessuun dhimma guddina Afaan Oromoo, hundeeffama Akkaadaamii Afaan Oromoofi dhimma waaltinaa Afaan Oromoo irratti ogeeyyii afaanii waliin mariin ni taa’ama jedhaniiru.
Kana malees, Galmee Jechootaa Waliigalaa (Encyclopedia) Oromoo hojjechuuf yaadi ka’umsaa qophaa’ee jiru gabbisuun, ogeeyyii Giddu Gala Aadaa Oromoofi Yuunivarsiitiiwwan Oromiyaa keessa jiran waliin mari’achuu fi haala hojiin isaa itti eegalamu irratti ni hojjenna jedhan,obbo Dirribaan.
Akka Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Ormiyaa beeksiseetti, gama Galmee jechootaatiin Galmee Jechootaa Afsadee (Afaan Ingilizii- Afaan Oromoo –Afaan Amaaraa) qophaa’uuf jechoota walitti qabuun hiikuuf karoorfamullee himan.
Galmee jechootaa Afsadee kana qopheessuun kan barbaachiseef namoonni hiikaa afaan irratti hojjetaniifi namoonni afaan barachuu barbaadan biraa fedhiin guddaan waan jiruuf hojiin kun filatame jedhan, obbo Dirribaan.
Qormaatni loga Afaan Oromoorratti eegalame daran cimsuun, Barruun Waaltiina Afaan Oromoo irratti xiyyeeffattu Wiirtuun jildiin 14ffaas maxxanfamee Ummata bira ni gahas jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment