Giddu galichi bara kana Qurxummii kuma dhibba 1 ol horsiisuufi jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2015 (FBC) – Inistityuutii Qorannoo Qurxummii Oromiyaatti gidduu galli Qorannoo Qurxummii fi Lubbuu qabeeyyii bishaan keessaa damee Baatuu bara kana Qurxummii kuma dhibbaa 1 ol horsiisuuf ta’uu beeksise.

Qurxummiiwwaan kanneen hawaasa bal’aa biraan ga’uu fi gabaaf akkaataa itti dhiyyeessuun danda’amu irraatti hojjetamaa jiraachuu Itti gaafatamaan Giddu galichaa Obbo Alamaayyoo Abbabaan dubbataniru.

Giddu galichi baatiwwan 2 keessaatti Qurxummii horsisuun Qonnaan bultoota fi gabaaf kan dhiyyeessu ta’uu himaniiru.

Qabeenya bishaanii naannoon Oromiyaa qabduun Qurxummii hanga Toonii kuma 90 oomishuun kan danda’amu ta’uu Obbo Alamaayyoon ibsaniru.

Misooma Qurxummiif xiyyeeffannoo laachuun yoo hojjetame biyyattiin fayyadamoo ta’uu dandeessi jedhaniiru.

Miidhaksaa Qachaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment