Geejjibni Maltiimoodaalii tajaajila loojistiksii si’ataa kennuu dandeessisa- Dooktar Alamuu Simee

Geejjibni Maltiimoodaalii tajaajila loojistiksii si’ataa kennuu dandeessisa- Dooktar Alamuu Simee

Finfinnee, Bitootessa 5, 2017 (FMC) – Abbaan Taayitaa Maariitaayimii Itiyoophiyaa Sagantaa Jalqabsiisa hojii Oppireetaroota Geejjiba Maltiimoodaalii marsaa 2ffaa gaggeesseera.

Saganticharratti Ministirri Geejjibaafi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee fi Daayrektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Maariitaayimii Itiyoophiyaa Injinar Abdulbar Shamsuun argamaniiru.

Dhaabbilee geejjiba maltiimoodaalii irratti bobba’an dabalataa gara damichaatti akka seenan gochuun Itiyoophiyaan damicharraa fayyadamtuu akka taatuuf hojjetamaa jiraachuu Dooktar Alamuu Simeen ibsaniiru.

Hojiirra oolmaan geejjiba maltiimoodaalii meeshaalee al-ergiifi gara biyyaa galan haala qindaa’aan keessummeessuu  kan dandeessisu ta’uu eeruun, dameen loojistiksii diinagdee biyyattii haala utubuu danda’uun hojimaatilee haaraan hojiirra oolaa jiraachuu kaasan.

Dorgomtummaa dabaluun tajaajila fooyya’aa kennuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu hubachiisuun, qaamoleen eeyyama fudhatan itti gaafatamummaa isaanii haalaan bahachuu qabu jedhaniiru.

Injinar Abdulbar Shamsuun gamasaaniin, buufata irratti qabiinsa meeshaalee, meeshaalee man-kuusaa buufata galaanaa keessa tursiisuuniifi hojiin mirga tajaajila buufataa baasii olaanaafi yeroo dheeraa kan gaafatan ta’uu eeraniiru.

Hojimaanni geejjiba maltiimoodaalii tajaajila loojistiksii tiraanziitii saffisiisuun rakkoolee kanneen kan hambisu ta’uu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment