Finfinnee, Waxabajjii 12, 2014 (FBC) – Ga’umsa tajaajiltummaa fi qophaa’ummaa cimsuun uummata keenya ga’umsaan ni tajaajilla jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen.
Magaalaa finfinneetti sochiin qaamaa mata duree “Hoggansaa fi siiviil sarvaantiin ga’umsa qabuu fi fayyaalessa ta’e tajaajila olaanaaf” masqal Addabaabaayiitti gaggeeffameera.
Saganticharratti kantiibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa, hojjettoonni fi keessummoonni kabajaa argamaniiru.
Aadde Adaanach Magaalaan Finfinnee magaalaa jaalalaa, waliin jireenyaa, tokkummaa, wal danda’uu fi badhaadhinaa ta’uu eeruun, kana kan cimsu hoggansi kutannoon yoo tajaajile ta’uu fi waadaa uummataaf seenan ga’umsaan itti fufsiisuu akka qaban dhaamuu ragaan Biiroo Dargaggoo fiIspoortii magaalichaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.