Gatiin gurgurtaa boba’aa haala jiruun itti fufa jedhame

Finfinnee, Guraandhala 28, 2015(FBC)- Boba’aa xiyyaaraarraan kan hafe gatiin gurgurtaa qinxaabooboba’aa haala amma jiruun kan itti fufu ta’uu Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawa beeksise.

Bu’uuruma kanaan Guraandhala 28, 2015 halkan keessaa sa’aatii 6:00 irraa eegalee hanga Bitootessa 30, 2015’tti gatiin boba’aa haala amma jiruun akka itti fufuuf murtaa’uu ibsameera.

Gatii gurgurtaa xiyyaaraarratti fooyya’iinsi kan taasifame yoo ta’u, magaalaa Finfinneetti gatiin gurgurtaa qinxaaboo boba’aa xiyyaaraa Liitirri tokko Birrii 70fi saantima 60 ta’uu ministeericha wabeeffachuun EBCn gabaaseera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment