Gatiin boba’aa idil addunyaa dabaluu gabaafame

Finfinnee, Bitootessa 25, 2015(FBC)- Biyyoonni miseensa ergitoota boba’aa(OPEC) hanga boba’aa gabaa idil addunyaaf dhiyeessan hir’isuuf murteessuu beeksisan.

Biyyoonni kunneen guyyaatti hanga boba’aa gabaa addunyaaf dhiyeessan baarmeela miiliyoona 1.6’tti gadi buusuu fi baatii ittaanurraa eegalee hojiirra oolchuuf waliigaluu Aljeezraan gabaaseera.

Biyyoonni kunneen gabaa idil addunyaa tasgabbeessuuf jechuun kan fudhatame yoo ta’u, hojii gabaa tasgabbeessuu tibbana Ameerikaatti eegalame duubatti deebisuu eerameera.

Yeroo ammaa Ameerikaatti gatiin boba’aa hin calalamiinii baarmeelli tokko Doolaara 4.17 irraa gara Doolaara 79.84tti guddachuu ibsameera.

Murtoon biyyoota miseensota boba’aa alatti erganii abdii qaala’iinsa gatii boba’aa addunyaa ni tasgabbeessa jedhu dukkaneessuu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment