Gatiin boba’aa Baatii Muddee haaluma duraan itti fufa

Finfinnee, Sadaasa 29, 2012 (FBC) – Gatiin qinxaaboo gurgurtaa boba’aa Baatii Muddee 2012 haaluma duraan kan itti fufu yoo ta’u, kan xiyyaaraa irratti daballiin muraasni taasiifamu ibsame.

Gatiin boba’aa xiyyaaraa liitiratti Birrii 24.87 ture haala qabatamaa idila addunyaan tilmaammamee Birrii 3 fi saantimni 37 dabalamuun Birrii 28.24 akka ta’u murtaa’era.

Kan xiyyaaraan ala kanneen biroo Baatiii kana haaluma duraan kan itti fufu ta’uu Ministirri Geejjibaa ifoomee jira.

Haala qabatamaa gabaa idila addunyyaan akkatuma barbaachisummaa isaatiin sirreeffamni gatii kana taasiifamu ta’uu Ministeerichi beeksiseera.

Comments (0)
Add Comment