Gatiin bittaa fi gurgurtaa sharafa alaa % 2 caalaa garaagarummaa qabaachuu hin qabu jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2017 (FBC) – Gatiin Baankileen daldalaa sharafa alaa ittiin bitaniif gurguran % 2 caalaa garaagarummaa qabaachuu akka hin qabne Baankiin Biyyaalessa Itiyoophiyaa beeksiise.

Baankichi dhimmicha ilaalchisee xaalayaa baankilee daldalaaf barreesseen gatiin gurgurtaa fi Bittaa sharafa alaa % 2 caalaa garaagarummaa qabaachuu akka hin qabne ibseera.

Baankiin Biyyaalessaa hojmaata Sharafa alaa haaraa ifoomsuu hordofee adeemsa bittaa fi gurgurtaa gabaa sharafa alaa hordofaa turuu himeera.

Akkaataa hojmaata Bittaa fi Gurgurtaa Sharafa alaa gabaa idil addunyaan baankoota gidduutti garaagarummaan jiru % 2 kan hin caalle ta’uu ibseera.

Ammaas Baankileen Itiyoophiyaa gatii Bittaa fi Gurgurtaa sharafa alaa maamiltoota waliin murteessuu kan itti fufan ta’uu himeera.

Baankileen Daldalaa gatii bittaa fi gurgurtaa sharafa alaa guyyaa guyyaan beeksiisuu akka itti fufan eeruun, Baankonni gurgurtaa sharafa alaa waliin wal qabatee komishinii isaan gaafatan, gurgurtaa maallaqa biyya alaa waliin osoo hin taane, dhuunfa maamiltoota isaanii akka beeksisan ajajeera.

Comments (0)
Add Comment