Gatiin aannanii haala hinbaratamneen qaala’uu fayyadamtoonni eeran

Finfinnee, Caamsaa 30, 2014 (FBC) – Haala kanaan dura hinbaratamneen gatiin aannanii dabalaa jiraachuu fayyadamtoonni komatan.
Fayyadamtoonni komii isaanii FBC’tti himan, gatiin aannanii qaala’uutti dabalataan, qulqullinni isaa gadaanaa ta’uu kaasaniiru.
Ministeera Qonnatti Daayrektarri Misooma Qabeenya Aannanii Obbo Asmallaash Barihee, gatiin aannanii qaala’uun yeroodhaaf ta’uu kaasu.
Rakkoon kunis qaala’uu gatii nyaata beeylaadaan akka walqabatu eeraniiru.
Aannan qulqullinaa fi sadarkaa isaa eeggatee fayyadamtoota bira akka ga’uuf labsiin qophaa’aa jiraachuu ibsuun, labsichis qulqullina aannanii eeguuf ni tumsa jedhaniiru.
Qaamolee aannan wantoota fayyaa namaaf miidhaa qaban aannanitti dabaluun gabaaf dhiyeessan irratti seeraa fi qajeelfama ba’een tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu, ibsaniiru.
Itti Aantuu Biiroo Daldalaa Oromiyaa Aadde Raaheel Nagaroo gama isaaniin, naannichatti galii qabeenya aannaniirraa argamu guddisuu fi qonnan bultootaa fayyadamoo taasisuu hojiilee bal’aan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Aadde Raaheel, gatiin qaala’uu fi hanqinni qulqullinaa akka jiru eeruun, ka’umsi qaala’iinisichaa nyaanni beeyladaa gahaan gabaarraa dhabamuu himaniiru.
Kana furuufis warshaalee nyaata beeyladaa oomishan babal’isuuf xiyyeeffatameera jedhan.
Siisaay Geetinnatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment