Gatii simiintoo to’achuuf tarkaanfin fudhatame bu’a qabeessa jedhame

Finfinnee,Waxabajjii 12, 2012 (FBC) – Qaala’iinsa gatii simiintoo to’achuuf tarkaanfin fudhatame bu’a qabeessa ta’uu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksise.
 
Tarkaanfin fudhatame oomishaa fi adeemsa gabaarratti bu’aa argamsiisuu ministirri ministeerichaa obbo Malaakuu Aallabal ibsaniiru.
 
Rakkoon kan mudate warshaaleen simiintoo humna isaanii guutudhaan oomishuu dhabuu fi daldaltoota soo hin ta’in maqaa daldaltootatiin karaa seera qabeessa hin taanen namoota oomisha simiintoo qabaniin kan mudatedha.
 
Sababii kanaatinis hanqinnii fi daballiin gatii mudateet ture jedhan obbo Malaakun.
 
Warshaaleen simiintoo galteewwan dheedhii alaa eeggachaa turan kan biyya keessatiin bakka buusuun akka oomishan taasifameera.
 
Haaluma kanaan dhagaa cilee biyya keessaa %20 qofa fayyadamaa turan, amma %60 -100 fayyadamuun oomishaa jiru.
 
Kunis warshaaleen humna guutudhaan akka oomishan, rakkoo sharafa alaa furuu fi dorgomtummaa cimsuun gatii madaalawaadhan akka dhiyeessan dandeessisa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment