Finfinnee, Onkololeessa 15, 2015(FBC)- Biyyattiitti gatii shaqaxaalee tasgabbeessuuf dandeettii biyya keessaa haalaan fayyadamuun barbaachisaa ta’uu ogeeyyiin diinagdee ibsan.
Ogeeyyiin damichaa Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin turtii taasisan, biyyattiitti akkuma piroojektoota yeroo gabaabaa keessatti ijaaramuun gara hojiitti galanii diinagdeerrattis hojii cimaan hojjetamuu akka qabu dubbataniiru.
Shaqaxaalee bu’uuraa alaa gala ilaalchisuun hojiimaanni Baankiin Biyyaalessaa dhiyeenya baase kaayyoo isaarraa akka hin jallanne ofeeggannoon taasifamuu akka qabu qorataan damichaa Dooktar Dagiya Gooshuu ibsaniiru.
Dhimmi to’annoofi naamuusa fiisikaalaaf xiyyeeffannoon kennamuu akka qabu eeraniiru.
Ityoophiyaanonniifi Dhalattoonni Ityoophiyaa biyya alaa jiraatan maallaqa alaa karaa seera qabeessa ta’een akka erganiif hojjechuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Dhiibbaan idil addunyaa akkuma jirutti ta’ee gatii shaqaxaalee tasgabbeessuuf dandeettiiwwan biyya keessaa haalaan fayyadamuun barbaachisaa ta’uu addeessaniiru.
Qorataan damichaa biroo Mahaammad Iisaa gamasaaniin, hojii shaqaxaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuuf xiyyeeffannoo gahaan kennamuu qaba jedhan.
Jijjiirama hojiilee yeroo yerootti madaaluufi hojiirra oolmaasaaf tumsuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Awwal Abarraatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.