Gatii boba’aarratti daballiin taasiifame

Finfinnee, Eebila 29, 2014 (FBC) – Baatiwwan arfan darban gatiin gurgurtaa boba’aa sadarkaa addunyaatti daraan dabaluu hordofee gatiin gurgurtaa qinxaaboo dabaluu ibsameera.

Haaluma kanaan Eebila 30, 2014 eegalee sirreeffamni gatii taasiifamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksiseera.

Baatii Muddee keessa Gatiin Beenzilaa Meetirik Toonii tokkoo Doolaara Ameerikaa 870 fi kan Naafxaa meetirik toonii tokkoo Doolaara Ameerikaa 730 gurguramaa ture Baatii Eebilaa Beenzilli Meetirik Tooniin tokkoo Doolaara 1028 fi naafxaan ammoo Doolaara 1138 ta’uu Ministeetichi ibsa miidiyaaleef ergeen ibseera.

Haaluma kanaan Gatiin Beenzilaa Leetira 1 Brrii 31 fi saantima 74 gurguramaa ture Birrii 66 fi saantima 78, Naafxaan Birrii 28 fi saantima 98 gurguramaa ture birrii 73 ta’uu ibseera.

Yaa ta’uutii mootummaan haala qabatamaa biyyaa yaada keessa galchuun daballii gatichaa % 85 Uwwisuun kan hafe % 15 fayyadamtoonni akka danda’an murteesseera.

Bu’uuruma kanaan gurgurtaa boba’aa qinxaaboorratti daballiin gatii giddu galeessi taasiifamuu eereera.

Guyyaa boruu eegalee Beenzilli leetirri 1 Birrii 36 fi saantima 87, Naafxaa adiin Birrii 35 fi saantima 43, Kiroosiniin Birrii 35 fi saantima 43, Naafxaa gurraachi salphaan Birrii 52 fi saantima 45, Naafxaa ulfaatan Birrii 51 fi saantima 78, kan Xiyyaaraa Birrii 78 fi 87 ta’uu himeera.

Sirreeffama gatii kana sababa godhachuun tajaajilaa fi meeshaaleerratti daballiin gatii namtolchee akka hin uumamne mootummaan qaamolee seeraan ala daballii gatii taasisaanirratti tarkaanfii bulchiinsaa kan fudhatu ta’uu himeera.

Caasaaleen mootummaa sadarkaan jiran qaamolee mootummaa fi hawaasa waliin ta’uun tumsa barbaachisu akka taasiisan Ministeerichi gaafateera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment