Gargaaramtummaa hambisuuf hoggansi kutannoon hojjechuun barbaachisaadha jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa ishee misoomsuun gargaaramtummaa hambisuuf galma qabame milkeessuuf hoggansi kutannoon hojjechuu akka qabu akeekame.

Waltajjiin marii hoggansa olaanoon sadarkaa federaalaa mata duree “Gargaaramtummaarraa gara oomishtummaatti kabaja, bilisummaa fi birmadummaa biyyaaf” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Ministirri Ministeeraa Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen waltajjicharratti akka jedhanitti, gargaaramtummaarraa gara oomishtummaatti ce’uuf qabeenyaa uumamaa biyyattiin qabduu sirnaan fayyadamuun barbaachisaadha.

Gargaaramtummaa hambisuun akka danda’amu bu’aaleen dameewwan misoomaa hundaan waggoottan darban galmaa’an argisiistuu ta’uu himaniiru.

Birmadumman biyyaa kan galma ga’uu ilaalcha gargaaramtummaa dhabamsiisuu fi oomishtummaa daran guddisuun galma wabii nyaataan of danda’uu wayita mirkanaa’u ta’uu akeekanii, gama kanaan hoggansi itti gaafatama olaanaa qaba jedhan.

Kayyoon waltajjichaas hoggansi gargaaramtummaa keessaa bahuu fi oomishtummaa guddisuuf gahee adda durummaa akka bahatu hubannoo uumuuf akka ta’e TOI gabaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment