Gargaaraan Daayrektaraa ‘FBI’ Ministir Deetaa Ministeera Haqaa waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 1, 2015 (FBC) – Gargaaraan Daayrektaraa Biiroo Qorannoo Yakkaa Federaalaa Ameerikaa (FBI) Raayimandi Duuddaa Ministiri Deetaa Ministeera Haqaa Alamaantee Aggidawu waliin dhimmoota haqaa biyyoota lameeniirratti mari’ataniiru.

Obbo Alamaantee Aggidawu wayita marichaatti, Ityoophiyaatti hojiilee jijjiiramaa eegalamaniin dameewwan garaagaraan tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu eeran.

Damee haqaan hojiilee bal’aan gaggeeffamuu eeranii, mootummaan Ameerikaa damee haqaa Ityoophiyaaf deeggarsa taasisaa turuu himaniiru.

Biyyoonni lameen dhimmoota waloon hojjechuu danda’anirratti, keessumaa yakkoota daangaa ce’oo, shororkeessummaa, daddabarsaa namootaa seeraan alaa, qabeenya seeraan alaa horatachuu ittisuu fi yakkoota biroorratti walta’iinsaan hojjechuun akka barbaachisu eeraniru.

Gama kanaan deeggarsi duraan eegalaman cimanii itti fufuu akka qaban kaasaniiru.

Raayimandi Duuddaa gama isaaniin, walta’iinsa kanaan duraa Ityophiyaatti taasifamaniif galateeffataniiru.

Gama Ameerikaatiin walta’iinsaan hojjechuuf fedhiin jiraachuu eeruun, dhimmoota waloo ta’an adda baasuun xiyyeeffannaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Maricharratti Ityoophiyaatti Dhimma Raawwachiistuun Embaasii Ameerikaa, Ambaasaaddar Tirees An Jaakoobsaniin dabalatee qondaaltonni dhaabbileen lameenirraa baba’an hirmaachuu ragaan Ministeera Haqaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment