Gareen yakka saamichaa (‘Shuwaashuwaa’) to’annoo jala oolan

Finfinnee, Amajjii 10, 2016 (FBC)- Naannawaa garaagaraatti konkolaataan socho’uun tooftaa hannaa ‘Shuwaashuwaa” jedhamuun gareen yakkaa saamichaarratti bobba’ee fi miseensota 7 qabu to’annoo jala oolfaman.

Miseensota garichaarrattis qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee ibseera.

Shakkamtoonni kunneen Finfinnee Kutaa magaalaa Qiirqoos, bakka addaa Filaamiingoo jedhamutti kan to’ataman yoo ta’u meeshaleen shakkamtoonni saamanis to’atamuu Poolisiin eereera.

Namoonni yakki hannaa irratti raawwates Buufata Poolisii Naannawaa Dambalitti argamuun meeshaalee isaanii fudhachuu akka danda’an beeksiseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment