Gareen weerara ABUT Ityoophiyaanoonni tokkummaa akka dhaabbataan taasiseera-Af-Yaa’ii Adam Faraah

Finfinnee, Hagayya 27, 2013 (FBC)- Gareen weerara ABUT Ityoophiyaanoonni tokkummaa daangaa hanga daangaattii akka dhaabbataan taasiseera jechuun Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Adam Faraah ibsaniiru.
Waltajjiin hawaasa magaalaa Gondariitti mata turee ‘hiriiroon obboolummaa uumattoota Amaaraa fi Qimaant baroota dheeraa lakkofsiisee humnota farraa nageenyaan hin diigamuu’ jedhuun gaggeeffameera.
Gochi gareen badii ABUT raawwataa jirunis lammiileen Ityoophiyaa daangaa hanga daangaatti akka tokko ta’aan taasiseera.
Uummattoonni Amaaraa fi Qimaantiis waloon dhaabbachuun garee shororkeessaa kana akka barbadeessaan obbo Adaam himaniiru.
Mootummaan jaarsoolii biyyaa, abbootii amantaa waliin ta’uun hariiroo nageenyaa jalqabee cimsee akka itti fufuu beeksisaniiru.
Maddi-TOI
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment