Gareen walitti hidhamiinsa idil addunyaa Afrikaatti gareewwan finxaaleeyyii dhabamsiisuuf tattaaffii taasisuu akka itti fufu beeksise

Finfinnee, Caamsaa 4,  2014 (FBC) – Gareen walitti hidhamiinsa idil addunyaa Afrikaatti gareewwan finxaaleeyyii dhabamsiisuuf tattaaffii taasisuu akka itti fufu beeksiseera.

Gareen walitti hidhamiinsa idil addunyaa tumsitoota 60 ol qabu walga’ii Moorokoo magaalaa  Maaraakaashitti gaggeesseen, garee shororkeessaa IS dabalatee gareewwan finxaaleeyyii Afrikaa fi giddugaleessaa bahaatti argaman dhabamsiisuuf tattaaffii taasisuu cimsee akka itti fufuu waadaa galeera.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Moorokoo Naasrii Booritaa fuula Twiitara isaaniin akka ibsaniitti, Afrikaatti sodaa hamaa shororkeessummaa jiruun walqabatee mariin taasifne biyyoota Afrikaaf faayidaa olaanaa qaba jedhaniiru.

Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti barreessaan dhimmoota siyaasaa Viiktoor Nuulaand gama isaaniin, Ameerikaan garee shororkeessitootaa dhabamsiisuuf biyyoota Afrikaa Lixaa waliin ni hojjetti jedhaniiru.

Mootummaa cimaan dhabamuu, dhiibbaa mirga namoomaa fi hanqinni wabii nyaataa babaldhina shororkeessitootaaf sababa ta’uu Viiktoor Nuulaand eeraniiru.

Gareen walitti hidhamiinsa idil addunyaa bara Faranjoota 2014 kan hundaa’e yoo ta’u, biyyootaa fi dhaabbilee idil addunyaa 84 of keessatti hammateera.

Maddi:-Afrikaa Niwuus

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment