Gareen shororkeessitootaa dhaabbilee Fayyaa kuma 2 fi 921 barbadeessan -Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Muddee 21, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessitootaa ABUT fi Shaneen dhaabbilee Fayyaa kuma 2 fi 921 barbadeessuu Ministeerri Fayyaa beeksiise.
Gareen shororkeessitootaa kunneen naannoo Amaaraa, Afaar, Beenishaanguul Gumuuz, Oromiyaa fi naannolee birootti dhaabbilee tajaajila fayyaa hedduu barbadeessuu Ministirri Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan turtii Faanaa Broodkaasting Korporeet waliin taasiisaniin ibsaniiru.
Naannoo Amaaratti qofa Hospitaaloota 40 fi Buufataalee Fayyaa 450 barbadeessuu ibsaniiru.
Meeshaaleen yaala fayyaa fi qorichoonni Birrii miiliyoona dhibba 6 olitti tilmamamu barbadaa’uu Dooktar Darajjeen eeraniiru.
Hospitaaloonni 11 saffisaan suphamuun hojii eegaluu kaasaniiru.
Daa’imman, dubartoonnii fi maanguddoonni sababa waraanaan miidhaman tajaajila yaalaa fi deeggarsa yaala xinsammuu akka argatan taasiifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Balaay Tasfaayeetu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment