Gareen shororkeessitootaa ABUT fi Shaneen diinagdee biyyaarratti miidhaa guddaa qaqqabsiisaniiru jedhame

Finfinnee, Muddee 4, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessitootaa ABUT fi Shaneen diinagdee biyyaarratti miidhaa guddaa qaqqabsiisuu hoggantoonni Biiroo komishinii Pilaanii fi Misoomaa naannolee Oromiyaa fi Amaaraa ibsan.

Hoggantoonni kunneen turtii Faanaa Broodkaastiing waliin taasisaniin gareewwan shororkeessitootaa ABUT fi Shaneen qabeenya baay’ee barbadeessuu ibsaniiru.

Hogganaan Biiroo Komishinii Pilaanii fi Misoomaa Oromiyaa Dooktar Abdulaaziiz Daawud gareen shororkeessaa Shanee naannoo Oromiyaa godinota Afur keessatti sochii jeequmsaa uumeen sochii daldalaa hawaasaa danquun dhiibbaa diinagdee guddaa qaqqabsiisuu ibsaniiru.

Garee shororkeessitootaa kanneen barbadeessuun hawaasni naannichaa gara sochii diinagdee naga qabeessatti akka deebi’uuf  hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Hogganaan Biiroo Komishinii Pilaanii fi Misoomaa naannoo Amaaraa obbo Annimuut Addisuu gamasaaniin, garee shororkeessaan ABUT godinotaa fi aanaalee naannichaa weeraree turetti manneen barnootaa, dhaabbilee fayyaa, dhaabbilee kalaqa hojii fi qonnaarratti miidhaa guddaa geessisuu eeraniiru.

Damee qonnaarra miidhaa Birrii biiliyoona dhibba 2 fi biiliyoona 66tti shallagamu qaqqabsiisuu himaniiru.

Miidhaa gareen kun naannicharratti qaqqabsiise jibbiisa garichi uummata naannoo Amaaraaf qabu kan mul’isu ta’uu ibsaniiru.

Lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf bu’uuraalee misoomaa naannoo magaalotaatti barbadaa’an deebisanii ijaaruu kan barbaachisu ta’uu addeessaniiru.

Bajata naannichaa qofaan bu’uuraalee misoomaa barbadaa’an deebisanii ijaaruun kan hin danda’amnee fi mootummaan naannichaa fi Federaalaa akkasumas qaamni dhimmi ilaallatu hundi ga’ee isaa akka ba’atu dhaamaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment