Finfinnee, Muddee 14, 2014 (FBC)- Gareen shororkeessaa ABUT ajjeechaa jumlaa raawwate awwaalcha jumla 60 fi awwalchota qeenxee keessatti mooraa mana barnootaa keessatti awwaalee baqachuu Ministeerri Barnootaa beeksise.
Gareen shororkeessaa kun ajjeechaa jumlaa raawwate godina Walloo Kibbaa mooraa Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Garbaa Alnajaash keessatti awwalcha jumlaa 60 olii fi awwalchota qeentee keessatti awwaale baqachuutu ibsame.
Gareen shororkeessaa naannolee Amaaraa fi Afaar bakkeewwan weeraree turetti manneen barnootaa kaampii waraanaa taasisuu bira darbee qabeenya manneen barnootaa saamuu fi barbadeessuu ibsameera.
Gareen shororkeessichaa mana barnootaa gara awwaalchaatti jijjiiruu fi barattoonni deebi’anii itti barachuuf ammo dhiibbaa xiinsammuu irraan gahuu ibsameera.
Awwaalchota manneen barnootaa keessa jiran kaafamanii gara bakka awwaalchaatti akka geeffamaniif Mootummaan deeggarsa akka taasisuufiif jiraattonni gaafachuu ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.