Gareen shororkeessaa Al-Shabaab kisaaraa cimaa keessummeessuun gara dhufetti deebi’eera- M/Jeneraal Tasfaayee Ayyaalew

Finfinnee, Adoolessa 21, 2014 (FBC) – Tarkaanfii garee shororkeessaa Al-Shabaab gara Ityoophiyaatti lo’ee seenuuf yaalii taasise irratti fudhatameen garichi kisaaraa cimaa keessummeessuun gara dhufetti deebi’uu Hogganaan Bobbii Raayyaa Ittisaafi Qindeessaan Komaandipoosti Yeroo  Meejer Jeneraal Tasfaayee Ayyaalew ibsan.

Guyyoottan darbanitti humna qilleensaa FDRI waliin ta’uun tarkaanfii garicharratti fudhatameen diippoowwanii hidhannoofi galaa garichaa barbadeessuun danda’amuu ibsaniiru.

Haa ta’u malee garichi halkan kaleessaa humna isaa faffaca’e walitti qabachuun naannawaa daangaa Ityoophiyaafi Somaaliyaarratti gara biyya keessaatti lo’ee seenuun haleellaa raawwachuuf yaalii taasisuu dubbataniiru.

Ta’us tarkaanfii qaamni nageenyaa fudhateen gareen shororkeessichaarra kisaaraan namaafi meeshaa keessummeessuun gara dhufetti deebi’uu eeraniiru.

Odeeffannoo hanga ammaatti jiruun miseensonni garichaa 150 ol barbadaa’uufi konkolaattonni garichaa barbadaa’uufi meeshaaleen waraanaa garaagaraa booji’amuu ibsaniiru.

Yeroo ammaa loltoonni Raayyaa Ittisa Biyyaafi humni nageenyaa waloon qoccolloo garichaa qolachuuf ga’umsa ga’arratti kan argaman ta’uu eeraniiru.

Qamoleen nageenyaa kunneen naannawichatti qaamolee daangaa biyyattii sarbuuf yaalan kamirrattii tarkaanfii fudhachuuf qophiirratti kan argamu ta’uu mirkaneessuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment