Gareen shororkeessaa ABUT naannoo Amaaraa fi Afaariitti dhiittaa mirka namoomaa daraan suukaneessaa ta’e raawwate – TKM

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessaa ABUT naannoo Amaaraa fi Afaariitti dhiittaa mirka namoomaa daraan suukaneessaa ta’e raawwaachuu Tajaajilli Kominikeshinii Mootummaa ibseera.
Gareen shororkeessaa naannoo Amaaraatti qofa dhaabbilee Fayyaa kuma 2 fi 813, manneen barnootaa kuma 2 ol guutumaa guutuutiitti barbadeessuu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa obbo Kabbadaa Deessiisaan ibsaniiru.
Dhiittaa mirga namoomaa gareen shororkeessaa ABUT raawwate dhaabbileen mirga namoomaa garaagaraa mirkaneessanis Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Moootummoota Gamtoomanii callisaan darbuun mootummaa Ityoophiyaarratti dhiibbaa taasiisu itti fufuu obbo Kabbadaan eeraniiru.
Garichi hambaalee idil addunyaa Ityoophiyaa keessa jiran osoo hin hafin barbadeessuu himaniiru.
Dhaabbileen Eeggumsa hambaalee idil addunyaa garuu gochaa kana callisaan darbuu fi dirqama dhaabbilee kanneen kunuunsuuf qaban dagachuu isaanii himaniiru.
Dhaabbileen kunneen gochicha balaaleeffachuu osoo qabanuu ergama isaanii dagachuun mootummaarratti dhiibbaa fi giddu seentummaa taasiifamu kallattii garaagaraan deeggaraa jiraachuu ibsaniiru.
Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa haala yeroo lateen biyyoonni kana dura guyyaa guyyaan sodaa Ityoophiyaa ilaalchisee ibsa of eeggannoo baasaa turan torbee kana hari’isuu himeera.
Biyyoonni alaa tokko tokko lammiileen isaanii biyyaa nagaa qabdu keessa gadi lakkisanii akka ba’aan tattaaffiin taasisaan yoo fashalaa’u, kallattii biraatiin dhiibbaa uumuuf yaalaa jiraachuu kaasaniiru.
Torbee kana sadarkaa addunyaatti hiriirri deeggarsaa garaagaraa gaggeeffamaa turuu eeraniiru.
Hiriira kanaan dhaadannoowwan dhugaa Ityoophiyaa hubachisaan hedduun dhageessifamaa tureera jedhan obbo Kabbadaan.
Haala amma jiruun duulli ‘Nigahaa’ gara sosochiitti ce’uu ibsaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment