Gareen Shororkeessaa ABUT naannolee lameenitti lafa qonnaa heektaara miiliyoona 1 ol misoomaan ala taasiseera

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Gareen Shororkeessaa ABUT naannolee Amaaraa fi Affaaritti lafa qonnaa heektaara miiliyoona 1fi kuma dhibba 5 ol misoomaan ala taasisuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Hojii qonnaa gannaa bara kanaan lafa heektaara miiliyoona 13rraa oomisha kuntaala miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 75 argamsiisuuf karoorfatamee gara hojiitti galamuu Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Mallas Makonnin  ibsaniiru.

Garee shororkeessaan ABUT naannolee Amaaraa fi Affaar bakkeewan weeraraan qabatee turetti lafa qonnaa oomisha gannaaf oolu heektaara miiliyoona 1 fi kuma dhibba 5 guutummaan guutuutti faayidaan ala taasisuu eeraniiru.

Garee shororkeessaan kun lafa qonnaa qonnaan bultootaa taankii fi makiinaan irra deemuu, awwaala jumlaa taasisuu fi dawoo waraanaa taasisuu himaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT naannolee kanneenitti meeshaalee qonnaan bulaa saamuu, sangoota qalee nyaachuu fi oofee fudhachuu akkasumas ajjeessuu ibsaniiru.

Dabalataanis bakkeewwan kanneenitti qonnaan bultoonni ooyiruu isaanii akka hin qonne, oomisha isaanii akka hin kunuunsinee fi yaaddoon akka jiraatan taasisuu kaasaniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment