Gareen shororkeessaa ABUT Maqdalaa Ambaa Yuunvarsiitiirra miidhaa Birrii biiliyoona 1. 2 qaqqabsiisuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessaa ABUT Maqdalaa Ambaa Yuunvarsiitiirra miidhaa Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona dhibba  2 qaqqabsiisuu isaa qorannoon mirkaneessuu yuunvarsiitichi ibse.

Yuunvarsiitichi  gochaa garee shororkeessaa ABUTiin qabeenya Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona dhibba 2 dhabuu Daayreektarri Dhimmoota Komunikeeshinii yuunvarsiitichaa obbo Idiriis Yimaam ibsaniiru.

Yuunvarsiitichi miidhaa irra ga’erraa yeroo dhiyoo keessatti dandamachuun ergama isa akka ba’atuuf dhaabbileen barnoota olaanoo garaagaraa deeggarsa galtee meeshaalee taasisaa jiraachuu eeraniiru.

Haaluma kanaan Yuunvarsiitiin Dirree Dawaa deeggarsa meeshaalee Birrii miiliyoona 1 fi kuma dhibba 7 fi kuma 20tti shallagamu taasiseera.

Jilli yuunvarsiitichaas yuunvarsiitii Maqdalaa Ambaa Kaampaasii Tulluu Awuuliiyaatti argamuun deggarsicha dabarse laateera.

Bifuma walfakkaatuun Yuunvarsiitiiwwan Odaa Bultum, Hawaasaa fi Dabaarq yuunvarsiitichaaf deggarsa taasisuu obbo Idiriis ibsaniiru.

Salaam Tasfaayeetu gabaase.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment