Gareen shororkeessaa ABUT lammiilee miiliyoona 1.9 ol rakkoo tajaajila fayyaaf saaxileera- Minsteera Fayyaa

Finfinnee, Fulbaana 10, 2014 (FBC)- Gareen Shororkeessaa ABUT lammiilee miiliyoona 1.9 ol rakkoo tajaajila fayyaaf saaxiluu Minsteerri Fayyaa beeksiseera.

Naannolee Amaaraa fi Affaaritti miidhaa fi saamicha  gareen shororkeessaa ABUT dhaabbilee fayyaa fi bu’uuraalee misoomaarratti qaqqabsiiseen lammiileen miiliyoona 1 fi kuma dhibba 9 ol rakkoo tajaajila fayyaatiif saaxilamuu Ministeerri Fayyaa beeksisera.

Ministeerri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa, gareen shororkeessaa kun waraana baneen dhaabbilee fayyaa fi bu’uuraalee misoomaarratti miidhaa fi saamicha taasisuu isaa ibsaniiru.

Naannoo Amaaraatti hospitaalli godiinota 5, buufataalee fayyaa fi keellaawwan fayyaa guutummaa guutuutti garee kanaan saamamanii barbadaa’uu fi tajaajilli fayyaa guutummaa guutuutti addaan cituu isaa Dooktar Liyaan himaniiru.

Naannoo Affaarittis hospitaalli godina tokkoo fi buufataaleen fayyaa guutummaa guutuutti barbadaa’uu fi konkolaataan saamamuu ibsaniiru.

Sababa gocha badii garee kanaatiin naannoo Amaaraatti lammiileen miiliyoona 1 fi kumni dhibbi 8 fi naannoo Affaaritti ammoo lammiileen kuma dhibba 1 fi kumni 12 rakkoo tajaajila fayyaatiif saaxilamuu Dooktar Liyaan ibsaniiru.

Bakkeewwan tajaajilli fayyaa addaan citeetti tajaajila fayyaa socho’aa kennuuf ogeeyyii hedduun gara naannolee lameeniitti sochii taasisuus ibsaniiru.

Bakkeewwan kanneenitti hanqinni qorichaa akka hin mudanneef galteewwan raabsamaa kan jiran ta’uu ibsuusaanii EBCn gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment