Gareen shororkeessaa ABUT  lafa Affaar qabachuun mariif dhiyeessuun isaa awwaalchasaa arifachiiseera-Obbo Awwal Arbaa

Finfinnee, Muddee 3, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessaa ABUT  lafa Affaar qabachuun mariif dhiyeessuun isaa awwaalchasaa arifachiiseera jechuun preezdaantiin naannoo Affaar obbo Awwal Arbaan himaniiru.

Naannoon Kibbaa Nannoo Affaariif deeggarsa gosa garagaraa Birrii miiliyoona 52  taasiseera.

Gareen shororkeessaa ABUT qonnaan bultoota naannoo Amaaraa fi horsiisee bultoota naannoo Affaar irratti miidhaa qaqqabsiisuun, dubartootaa fi haadholii gudeeduu fi ajjeesuu ibsaniiru.

Naannoo kibbaatti sadarkaa itti aanaa preezdaantiitti qindeessaan bu’uuraalee misoomaa fi hogganaan biiroo geejjibaa fi daandii Dooktar Ababaayaw Taaddasaa,  deeggarsicha wayita laataniitti gareen ABUT Ityoophiyaa diiguuf karoora qabatee fashaleessuuf ummattoonni Affaar raayyaa ittisa waliin ta’uun aarsaa gudda kaffalaniiru jedhaniiru.

Balaay Tasfaayeetu gabaase

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment