Gareen shororkeessaa  ABUT iddoowwan weerareetti miidhaan qaqqabsiisee kayyoon isaa Ityoophiyaaf ta’uu muul’dhisa-Dr Yiliqaal

Finfinnee, Muddee 3, 2014 (FBC) –Preezdaatiin naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffalaa dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo naannichaa magaaloota Dassee fi Kombolchaatti dhaabbilee mootummaa fi dhunfaa gareen shororkeessaa ABUT barbadeessee daawwataniiru.

Preezdaantichi gareen shororkeessaa ABUT iddoowwan weerareetti gochi dhiibbaa namoomaa raawwatee fi dhaabbilee hawaasni irraa fayyadamuurratti raawwatee kaayyoo fi galmiisaa Ityoophiyaa diiguuf ta’uu kan muul’dhisuudha jedhaniiru.

Mootummaan naannichaas qaamolee dhimmi ilaallatuu waliin tumsaan hojiin deebisanii dhaabuu kan hojjetamuu ta’uu Dooktar Yiliqaal himaniiru.

Hanga gareen shororkeessaa ABUT barbada’uuttis waraanaa eegallee cimsinee itti fufna jedhaniiru.

Dargaggoonnis raayyaa ittisa biyyatti makamuun duula birmadummaa biyyaatti akka makamaan waamichi dhiyaachuu EBC’n gabaaseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

Comments (0)
Add Comment