Gareen shororkeessaa ABUT haleellaa Gaalikoomaatti raawwate hordofee guyyoota sadiif gaddi labsamu ibsame

Finfinnee, Hagayya 5, 2013 (FBC)- Naannoo Affaariitti gareen shororkeessaa ABUT haleellaa Gaalikoomaatti raawwatee hordofee guyyoota sadiif gaddi labsamuu ibsameera.
Gareen shororkaa kun naannoo Affaaritti lammiilee da’aannaa yeroo Gaalikomaa keessaa jiran irratti haleellaa sukanneessaa raawwatee hordofee har’arra eegalee guyyoota sadiif mootummaan naannichaa gadda labseera.
Afa Yaa’iin Mana Maree naannoo Affaar aadde Amiinaa Seekoo ibsa laataaniin garee shororkeessaa ABUT Gaalikoomaatti lammiilee nagaarratti haleellaan raawwatee seekanneessaa ta’uu ibsaniiru.
Haleellaa sukanneessaa kana hordoofee naannoo Affaar keessaatti har’aarra eegalee Hagayya 5, hanga 7, 2013 guyyoota gadda akka ta’aanii fi naannichaatti alabaan gadi akka siquu mootummaa naannichaan murtaa’eera.
Gareen badii kun seenaan kan hin dagannee lubbuu daa’immaan 107, dubartootaa 89 fi maanguddoota 44 ajjeesuu himaniiru.
Gocha sukkanneessa gara jabinaa kan raawwatee gareen shororkaa ABUT haleellaa meeshaa cimaan raawwatameen qonnaan bultoonni nagaan ajjeefamuu fi mada’uusaaniis akkasumas miidhaan deeggarsaa man-kuusaa keessaa ture barbadeessuun isaa ni yaadatama.
Maddi:-Waajjira Kominikeeshinii mootummaa naannichaa
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment