Gareen Shororkeessaa ABUT haleellaa bane daraan Hammeessee itti fufe – TKM

Finfinnee, Hagayya 21, 2014 (FBC) – Gareen Shororkeessaa ABUT filannoo Nageenyaa hunda cufuun haleellaa waraanaa jalqabe hammeessee itti fufuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise.

ABUT filannoo Nageenyaa dhiyaate hunda irra tarkaanfachuun yeroo 3ffaaf haleellaa waraanaa biyyarratti gaggeessuu cimsuu itti fufuu tajaajilichi haala yeroo ilaalchisee ibsa laateen himeera.

Garichi daandii nageenyaa cinaatti dhiisee humna isaa hundaan waraanaaf qophaa’aa turuu isaa himeera.

Yeroo ammaa haleellaa isaa kallattii garaagaraan babal’isuun lammiilee nagaa miidhaa jiraachuu himeera.

Tarsiimoo waraanaa yeroon irra darbe hordofuun guddattootaa fi dargaggoota kumaatamaan lakkawwaman dirqiin waraanatti hiriirsiisuun haleellaa banuun namoota nagaa irratti miidhaa qaqqabsiisuu cimsee itti fufuu ibseera.

Garichi naannolee Amaaraa fi Afaaritti socho’uun lammiilee nagaarratti ajjeechaa, qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqisaa,bu’uuraalee misoomaa mancaasaa jiraachuu himeera.

Filannoon nagaa mootummaan dhiyeesse akkuma jirutti ta’ee gootichi Raayyaa Ittisa Biyyaa Haleellaa bal’aa gareen shororkeessaa kun bane ga’umsaa olaanaan qolachaa jiraachuu ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment