Gareen shororkeessaa ABUT deeggarsa namoomaa hawaasa idil addunyaan dhiyaatu kaayyoo biroof oolchaa jira – Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa

Finfinnee, Hagayya 16, 2013 (FBC) – Gareen shororkeessaa ABUT deeggarsa namoomaa hawaasa idil addunyaan lammiikeef dhiyaatu kaayyoo biroof oolchaa jiraachuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa beeksiise.

Dhaabbileen deeggartoota Idil Addunyaa hundi gabaasa dhiyeessii deeggarsa namoomaa akka dhiyeessan gaafatamanis hanga ammaatti deebiin laatan kan hin jirre ta’uu Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Komishinar Mitikkuu Kaasaa ibsaniiru.

Gareen shororkeessaa kun deeggarsa namoomaa lammiileef dhiyaatu Hidhattootaf qoodaa jiraachuu ragaan argamuu dubbataniiru.

Kana booda dhaabbilee deeggartootaa deeggarsa namoomaa lammiileef dhiyyeesan gabaasa qaama dhimmi ilaallatuuf laachuu kan dirqaman ta’uu kaasaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment