Gareen shororkeessaa ABUT Daloolin to’achuuf yaaliin taasisee humna addaa fi milishaa naannoo Affaariin fashala’e

Finfinnee, Hagayya 22, 2013(FBC)- Gareen shororkeessaa ABUT naannoo Affaar Daloolin to’achuuf yaaliin taasisee humna addaa fi milishaa naannoo Affaariin fashala’eera.

ABUT naannichatti aanaa Baarhaaleetti namoota hedduu ajjeesuun, madeessuun qe’ee fi qabeenyaasaanii buqqisuun akkasumas bocaawwan garagaraa barbadeesseera.

Garichi meeshaalee jajjaboon haleellaa qaqqabsiisuus miseensoonni humna addaa naannoo Affaar meeshaa xiqqaa qabaniin haleeluun haleellaa cimaa raawwachuu bulchiinsi godina sadii obbo Mahaammd Alii galaalchitoota keenya bakkichatti aragamaniif himaniiru.

Yeroo amma kanas humni addichaa injifannoo olaanaa galmeesseera jedhan.

Garee shororkeessichaan lammiilee kumni 6 ol qee’ee fi qabeenyaasaaniirra buqqa’aniif deeggarsi taasifamaa jiraachuu obbo Mahaammad kan ibsan, deeggarsi ga’aa ta’uu dhabuun xiyyeeffannoo akka barbaaduu kaasaniiru.

Geetaashaaw Yaashiiwaastu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment