Gareen Shororkeessaa ABUT biyya yaadan diige, qabatamaan diiguuf tattaaffiin taasiisu hin milkaa’u – obbo Nigusuu Xilahuun

Finfinnee, Sadaasa 10, 2014 (FBC) – Gareen Shororkeessaa ABUT biyya yaadan diige, qabatamaan diiguuf tattaaffiin taasiisu goonkuma hin milkaa’u jedhan Ministir Deettaan Ministeera Hojii fi Ogummaa obbo Nigusuu Xilahuun.

Gareen shororkeessaa ABUT yeroo ammaa naannolee Amaaraa fi Afaar weerarus galmi isaa dhumaa biyya diigudha jedhan obbo Nigusuun.

Garichi biyya gootoonni dhiigaa fi lafeen ijaaran diiguuf abjuu qabu milkeessuuf fakkaattoota isaa waliin yaalaa jiraachuu eeraniiru.

Walitti bu’iinsa wal waliinii, olollii fi gantummaan eenyummaa dhokataa Garee shororkeessaa ABUT ta’uu kaasaniiru.

Malli waraanaa isaa guddaan olola sobaa ta’uu himaniiru.

Har’as mala kana fayyadamuun shororka uumaa jiraachuu dubbataniiru.

Uummanni ololaa fi eenyummaa garichaa hubachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment