Finfinnee, Sadaasa 18, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessa ABUT Afaar magaaloota Kaasaagitaa fi Mudiinaa gadi dhiisee osoo hin dheessiin dura daa’immanii hedduu fi qabeenya barbadeessuu Tajaajjilli Kominikeeshinii mootummaa beeksiise.
Gareen Shororkeessaa ABUT qaamolee nageenyaa Ajejaa waraanaa waliigalaa Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiin durfamuun adda waraanaa Kaasaagitaatti adabbii cimaa adaabuun iddoo waraanaa murteessoo gadi dhiisuu baqachuun kan yaadatamuudha.
Raayyaan Ittisaa gaarreen naannawaa Magaalaa Baatii fi Burqaa to’achuun gara Kombolchaa fi Baatiitti imalaa jiraachuun Tajaajjilli Kominikeeshinii mootummaa ibseera.
Maddeen odeeffannoo addichaa akka ibsanitti, gareen shororkeessaa ABUT magaaloota Kaasaagitaa fi Mudiinaatti tarkaanfii raayyaa ittisaa dandamachuu dadhabuun osoo hin dheeffiin dura daa’immanii hedduu fi qabeenya barbadeessuu ibsameera.
Masjiitoota barbadeessuu fi Quraana walitti qabuun gubuu himameera.
Suuqiiwwan, manneen nyaataa, buufataalee fayyaa, manneen barnootaa fi bu’uuraalee misoomaa hedduu meeshaalee waraanaan barbadeessuu fi gubuu himameera.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.