Gareen qorattootaa fi hayyootaa yaa’a Abbayyaa fi hidha haroomsaarratti mootummaa gorsu hundaa’uufi

Finfinnee,Waxabajjii 17,2012 (FBC) – Gareen qorattootaa fi hayyootaa yaa’a Abbayyaa, hidha haroomsaa fi dhimmoota biroorratti mootummaa gorsu yeroo dhiyootti hundaa’uun gara hojiitti kan galu ta’uu Ministeerri Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo beeksise.
 
Gareen hundaa’u kun itti fayyadama bishaanii, Proojektootaa fi bulchiinsa hidhaarratti giddugaloota qorannoo hojjetan cimsuu, haaraa uumuun gara hojiitti galchuuf kan hojjetu ta’uu Ministir deettaan Ministeera Saayinsii fi dhaabbilee barnootaa olaanoo Dooktar Saamu’eel Kiflee ibsaniiru.
 
Dooktar Saamu’eel Ityophiyaan dorsisa sodaachuun hojii misoomaa ishee adda hin kuttu, mirga itti fayyadama qabeenya uummamaa ishee mirkaneessuuf ni hojjetti jedhan.
 
Ijaarsi Hidha Haaroomsa Guddichaa dachee keenyaa fi laga keenyaarratti ijaarrama,Bishaan abbaayyaas kan maddu lafa keenyaarraayi, misoomsuuf eeyyama qaama kamiiyyuu hin gaafannu jedhan Dookatar Saamu’eel.
 
Lammiileen Ityoophiyaa hundi garaagarummaa tokko malee hiyyuummaa keessaa ba’uuf humna isaaniin hidhaa ijaarrachaa jiran qaamni kamiiyuu irratti murteessuu hin danda’u jedhan.
 
Hawaasni barnootaa fi leenjii biyyi hiyyummaa keessaa ba’uun imala gara daandii guddinaatti taasiftu akka milkaa’uuf ni deeggaru jedhaniiru.
 
Ministir deettichi,lammiileen Ityoophiyaa, dhalootaan Ityoophiyaa fi jaallattoonni Ityoophiyaa mirga Ityoophiyaan qabeenyaa uummamaa isheetti fayyadamuu qabdu hubachuun deeggarsa barbaachisu akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment