Gareen ogeeyyii fayyaa Israa’el ergama namoomaaf Finfinnee ni gala jedhame

Finfinnee, Eebila 3, 2014 (FBC) – Gareen ogeeyyii fayyaa Israa’el miseensota paarlaamaa biyyattii waliin ergama namoomaaf guyyaa har’aa Finfinnee kan galu ta’uu ibsame.

Dhalataa Ityoophiyaa fi miseensa paarlaamaa Israa’el kan ta’an Gaadii Yivaarkaan garichi gara Ityoophiyaa akka dhufuuf ga’ee olaanaa ba’achuu ibsameera.

Baasiin loojistikii garichaa dhaabbileen dhuunfaa Israa’el 170, Ejensiiwwan mootummaa, dhaabbilee tajaajila hawaasaa fi dhaabbileen barnootaa garaagaraa bakka tokkotti qindaa’uun gama Dhaabbata Misoomaa Idil Addunyaa Israa’el SID kan uwwifamu ta’uu ibsameera.

Garichi hanga Kamisa dhufuutti turtii kan taasisu ta’uu Israa’el Hayoom gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment