Gareen kubbaa miilaa mana  barumsaa Sadarkaa 2ffaa Awwaaroo  Amboo Koongoo Kinshaasaa gahe

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2014 (FBC)- Gareen kubbaa miilaa mana   barumsaa Sadarkaa 2ffaa  Awwaaroo  Amboo Koongoo Kinshaasaa gaheera.

Waldorgommii kubbaa miilaa manneen barnootaa  Paan Afrikaa  Rippaablika Dimokiraatawa Koongootti gaggeeffamurratti Kubbaa miilaa dhiirootaan  manni barumsaa Awwaroo Amboo sadarkaa 2ffaa Ityoophiyaa bakka bu’uudhaan ni hirmaata.

Manni barumsaa sadarkaa 2ffaa Awwaroo Amboo carraa waldorgommii manneen barnootaa Paan Afrikaa kanarraatti hirmaachuuf gulaallii taasisaa ture olaantummaan goolabuun Ityoophiyaa bakka bu’ee carraa hirmaachuu kana kan argate.

Dubartootaan ammoo Manni barumsaa sadarkaa 2ffaa Diillaa Ityoophiyaa bakka bu’uun wal morkii manneen barnootaa Afrikaa kanarratti kan hirmaatu ni ta’a.

Dajanuu Gonfaatu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment